(Madda Oduu ABO/MOA/Hagaya 29, 2009) Maddeen oduu oromiyaa akka gabaasanitti Hagayya 13,2009tti embasiin wayyaanee Sa’ud Arabiyaatti argamu karaa gantoota sabaa OPDO fi hojjettoota isaa imbasicha keessa hojjetaniin Jimmaa Misoomsina maqaa jedhuun magaalaa Riyaaditti hawaasa Oromoo fi sabaa fi sablammoota Itophiyaa achi jiran walitti qabanii maallaqi saamuuf turan fashaleera.
Ergamtootni wayyaanee OPDOn, gantootni tokko tokkoo fi hojjettootni embasii wayyaanee Sa’ud Arabiyaa walgahii kana irratti hawaasni Oromoo Riyaaditti argamu akka qooda fudhataniif yaalii godhanis diddaa hawaasni Oromoo Riyaadii fi naannoo godhaniin fashaluu danda’eera. Gantootni tokko tokko walgahii kana irratti argamaa, walgahii misoomaa ti malee kan siyaasaa miti, nu hin jeeqinaa jedhanii hawaasa Oromoo kadhachuuf yaalan illee mormii cimaan isaan mudachuun akeeki isaanii dura fashaleera.
Walgahii kana irratti waldaaleen Silxee, Guraagee, silxee, kan ummatoota Kibbaa fi biro qubaan lakkaa’aman qofti kan irratti argaman ta’uun himameera.
Walgahiin maqaa misooma Jimmaa jedhuun ergamtoota OPDO fi embasichaan Riyaaditti geggeeffamaa ture kun guutummaatti Afaan Amaaraan kan adeemsifamaa ture ta’uunis himameera. Jiddaattis walgahii fakkaataa geggeessuuf yaalanii itti milkaa’uu akka hinqatanis gabaafameera.
Hawaasni Oromoo Khartum Sudaanitti argamus maqaa misooma Jimmaa jedhuun saamicha maallaqaa wayyaanee fi ergamtuun ishee OPDOn irratti geggeessuuf turte mormanii fashalsuun ni yaadatama.
Mootummaan wayyaanee maqaa misoomaa, biyya guddisuu fi kkf dhahatee biyya keessaa fi alatti ummata jiruun rakkatu saamuuf tattaaffii wal irraa hin citne godhaa jiraachuun beekamaa dha.
MOA